Monday 2 May 2016

Mararoo Dubartootaa Kutaa 1ffaa.......


Aadaa Fuudhaa fi Heerumaa Oromoo keessatti Dubartoonni Quuqqaa fi mormii isaanii bifa garagaraatiin himatu "Mararoo Dubartootaa.........

Mararoo Dubartoonni bifa hedduun ibsatu isaan keessa muraasa akka armaan gaddiiti

quuqqaa garaashee haaloota sadirratti hundaa’uu
ibsachuu jalqabdi. Haaloonni quuqqaa kunneenis
utuu umrii malee heerumuu, fedhiin ala
horiidhaan jijjiiramuufi walcaalchiisu ta’uu
danda’a. Mee kanneen tokko tokkoon haa ilaallu.
1. Umurii malee heerumuu:- Dubarri tokko sababa
umrii malee ishee heerumsiisaniif akkana jettee
komeeshee ibsatti.
A) Harmi koo hinbaanee, ni quuqxe malee,
Yaa aayyoolee koo,
Laanni koo hingeenyee, Yaa aayyoolee koo,
na quufte malee,
ulee geeshee muruu,
maaf na laatta haadha koo, anoo beekee
hinbuluu.
B) Yaa abbaayyee koo,yaa aayyolee koo,
Maaltu maal ta’ee, kan badii ta’ee,
Cabaawoo hintuffannee,
Darbaawoo hindubbanne,
Yaa ayyoolee koo iddoo ciisakoo
gumbii dhaabbadhuu
Cabaa irbaatakoo dilbii kaawwadhuu,
Dibaa mataakoo samaa kaawwadhu.
C) Yaa obbolee koo,
Gadi bahaati, gorbatti siiksaa,
Guyyaa kennaa koo torbeetti hiiksaa,
Gaafa torbee koo kurnootti hiiksaa
Gaafa kurnookoo malli funyoo koo. jettee komee
maatiisheerraa qabdu ibsatti.
Walaloo kana keessatti intalli akka heerumaaf
hingeenye tokkooffaa harmashee
waabeeffachuudhaan ibsatti. Aadaa Oromoo
keessatti mallattoo ta’uudhaan waan ibsu qaba.
Durba tokko “harmishee hin baane” yoo jedhamu
xiqqoo ta’uushee agarsiisa. Harmiishee ba’ee
qomarraa yoo mul’atu garuu geessuu ta’ushee
mul’isa.
2. Fedhiin ala horiidhaan jijjiramuu:-
kanas akka armaan gadiitti ibsatti.
A) Waddeessa qe’ee murmurtuu hinseenee,
Murmurtaniiree guddiftuu ijoollee?
Haasooftuu qe’ee gurgurtu hinseene,
Gurgurtaniiree?
Ani ji’an se’e laftoo halkanii
Ani jiran se’e nattoo maltanii.
B) Yaa ayyooleekoo
Yommuun ani xinnoo, siree dhodhooftee, uruuruu
jetta,
Amma maal goonaan, barcuma haaxoftee, qarshii
lakkooftee, gurguruu jettaa?
Yommuu na biraa dirribee jettaa,
Dirribiin dhufnaan dirribee gattee
dirrib koo jettee,
Horiidhaaf jettee dhalakee gattaa?
Qarshii qiraacii darbattee keess-
aa, guchuma keessaa,
Dhalli bilaatii ergattee teessaa, dull-uma keessa
Walaloon kun heeruma bittaafi gurgurtaatti
fakkeessuun ibsa. Akkuma beekamu gurgurtaa
keessatti horiin yookiin meeshaan gurguramu
tokko eenyuutti, meeqaaniifi yoom akka
gurguramu murteessuuf yaada kennuu
hindanda’u. Intalli mararoo kana weddiftuus
heerumni kanarraa adda akka hintaane
addeessuudhaan warra gurgurtaa gaggeessan
sana komatti fedhiin osoo hinta’iin horiif jecha
haala kanaan ishee kennuunsaanii
gurgurtaarrayyuu darbee du’a akka itti fakkaate
himatti.
Haa ta’u malee aadaa Oromoo keessatti dubarri
hundi haala kanaan heerumti jechuu miti. Garuu
fedhiisheerra qabeenyi dhiiraa akka caalu
geeraraan yommuu ibsamu ni mul’ata.
Fakkeenyaaf caalmaa abbaa horii mul’isuuf
akkanaan geeraru.
Naqamtee Kumsaatu caalaa,
Kumsaa Mooriitu Caalaa,
Naqatee durba fuudhuuf,
Abbaa horiitu caalaa,
Naqamtee Kumsaa Morii,
Na qabde gumjaan horii, jechuun kan geeraran
kanumaafi.
Eegaan burqaan komee durba tokko fedhiidhaan
ala horiidhaan jijjiramuu yoo ta’u inni sadaffaan
ammoo walcaalchiisuudha.

No comments:

Post a Comment