Saturday 30 April 2016


Dhugaadhaaf,bilisummaaf, wal qixxummaa fi
mirga abbaa biyyummaa
ofitiif dhaabbannaan hidhaman ni hiikkatu,
madaahan ni fayyu, du’anis
ni galu.
Dhugaan injifataadha. Inni dhugaa qabatee
qabsaawe, inni walqixxummaaf
wareegame, inni mirga abbaa biyyummaaf
dararame yoomiyyuu taanaan
kufee hin hafu.
Ummanni Oromoo dhugaaf dhaabbate;
walqixummaaf qabsaawaa jira; mirga
abbaa biyyummaa isaaf wareegamaa ture,
wareegamaas jira.
Ummati tokko sababa ta’een harka diinaatti
kufuu danada’a. Diina isa
weeraree saamaa fi ajjeesaa jiruunis akka
gadootti ilaalamee
salphifamuu fi moggeeffamuu danda’a.
Hidhamuu, ajjeefamuu fi
dararamuu akkasuma qayee fi qabeenya
isaa irraayis buqqifamuu mala.
Cubbuu fi daba kana hunda dhugaatu
moohata.
Kan Wayyaaneedhaan waggoottan 25
darbaniif ummata Oromoorratti
raawwatamaa turee fi jirus kanuma.
Wayyaaneen nujjeesaa turteetti,
nujjeesaas jirti. Waggoottan 25 darbaniif
ilmaan Oromoo kumaa-kitila
fixeetti, har’as lafarraa duguuguutti jirti.
Lammiin Oromoo mana
hidhaatti dararamaa jirus lakkoofsi isaa
ammanaan hin beekamu.
Walumaa galatti Wayyaaneen Saamichi fi
biyya abbaa keenyaarraa nu
godaansisuun baroota darbaniif nurratti
gaggeessaa baate ammas
dheeraffachuuf tattaafataa jirti.
Dhugaan dhugaadha! “Dhugaan ni qallatti
malee hin cittu” akkuma
jedhamu san ummanni Oromoo dhugaa
qabatee, dhugaaf waan qabsaawaa
jiruuf ajjeefamus, hidhamus, saamamus
dararamus qabsoo hin dhifne.
Qabsoon isaa guddataaa fi bal’ataa
akkasumas diinarras aanaa
fuulduratti deemaatuma jira. Irree fi
gaachanni saba Oromoo WBOn,
goototni dhaloonni haaraan Qeerroon biyya
keessatti akkasumas
sabboontonni Oromoo biyyaa
godaansifamanis bakka jiranitti qabsoo
haqaa finiinsaa jiru. Qawweefis ta’e holola
diinaatif osoo gurra hin
kenniin bilisummaaf lolaa jiru. Kun
boonsaadha!
Ummanni Oromoo bara bittaa Wayyaanee
keessas haata’u sanaan dura
takkaa diinaaf tole jedhee bulee hin beeku.
Gootni tokko dhugaaf
dhaabbatee mirga isaaf odoo falmuu yoo
kufu, dhalootni hafe itti
darbee irraa fuudhee finiinsuun kunoo
sadarkaa murteessaa yeroo amma
irra jiru kanarra geenyeerra.
Fuundurattis ummati Oromoo, ummati
dhugaaf dhaabbate kun, ummanni
mirgaa fi bilisummaa isaaf dhaabbate
ilmaan isaa muratoo fi cichoo
faana ta’ee qabsoo isaa finiinsuun murna
Wayyaanee; murna isa
ajjeesaa fi saamaa jirtu hundeen buqqisee
akka ofirraa gatu shakiin
hin jiru.
Hanga harra afaan qawweetiin ukkaafamnee
akka sabaatti harka
Wayyaaneetti manakaraaraa jirra,
saamamaas jirra, biyyaayis
godaansifamaa jirra. Ammaan achi garuu
jireenyi akkanaa, barri bittaa
Wayyaanee umrii dheeraa hin qabu.
Qabaachus hin qabu; qabaachus hin
danda’u.
Harra ummanni Oromoo alaa-manatti
qabsoo isaatin fuunduratti
tarkaanfachaa jira, gabrummaatti xumura
gochuuf diina isa saamaa
turtee fi jirtu ofirraa lolataa jira. Qawwees,
holola diinaas irra
tarkaanfatee tokkummaa isaa jabeefachuun
lolli inni gaggeessaa jiru
fira boonsee diina raasee jira. Ammaan
achis holollis ta’e, qawween
diinaa qabsoo Oromoo gufachiisuu hin
danda’u. Sochiin kun cimee itti
fufnaan ammoo Oromoon biyya isaa
Oromiyaa dhihootti bilisa baasuun
dhugaa hin hafneedha.
Wayyaaneen waggoottan 25 darbaniif
ummata Oromoorratti ajjeechaa,
hidhaa, dararaa akkasumas holola adda
addaa gaggeessaa turteetti.
Biyyoota Lixaa fi Bahaa tokko tokko jala
deemunis dhugaa biyya keessa
jiru dhoksuuf yaalaa turteetti. Kun harra
akkuma “Duumeecha Sadaasaa”
jedhan san harkaa facahee jira. Bakka
hundattuu dhugaan Oromoo
calaqqisaa, sobni Wayyaanee ifaa bahaa
dhufeera. Akka yaadde Oromoo
alaa-manatti qooduu hin dandeenye.
Akkuma muldhachaa jiru Oromoon kan
yeroo kamiituu caalaa alaa-manatti tokko
ta’ee hadheeffatee
Wayyaaneen lolaa jira. Wayyaanee waliin
“nama Gumaa” ta’uu qabsoo
isaatin mirkaneessaa jira.
Yeroo ammaa kana WBOn, Qeerroon Oromoo
walumaa galatti ummanni Oromoo
Oromiyaa keessatti Wayyaanee fi
ergamtoota ishii rukutaa, qabeenya
ishii barbadeessaa jira. Waltajjii hololaa
diinni qopheeffate mara
lagachuun akeeka wayyaanee fi lukkeelee
hoongeessaa mootummaa
ga

No comments:

Post a Comment