Sunday 1 May 2016

Baqalaa Garbaa Dabalatee kanneen Shororkeessuman himataman

Oromoon Hundi Baqalaa Garbaati malee shororkeessa miti.


Erga yeroo dheeraadhaaf beelamni
geggeeddaramaa fi hidhamtootatti taphatamaa
turee booda, abbaan alangaa mootummaa
Federaalaa, Baqqalaa Garbaa fi Oromoota
mormii nagaan wolqabatee hidhaman irratti
himannaa yakka shororkeessummaa bane. Kuni
ta’uun isaa oduu raajii miti hedduu keennaaf.
Kanuma eeggamee fi himannaa kana duras
Oromoon kumaatamni ittiin adabameedha. Kan
nama ajaa’ibu, garuu, yeroo Oromoon dammaqe,
daangaa hanga daangaatti socho’e; ammas
gaafiin ummataa sirrii ta’uu mootummaan
amane kanatti, ummata kakaasuu, badii lubbuu
fi qabeenya irra gaye hundaaf Baqqalaa Garbaa
fi kanniin isa waliin himataman hunda itti
gaafatamaa godhuu isaaniiti.
Yakki Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa,
Gurmeessaa Ayyaanoo, Aaddisuu Bullaallaa fi
hoogganoota Oromoo biraa irratti baname
hedduu kolfisiisaadha. Shororkeessummaa kan
ta’e Baqqalaan Jawaar faa waliin mul’atuu fi
kaameraa OMN fundura dhaabatuudha. Inni
biraa, Doolaara 500 fi 400, kan yakki
shororkeessummaa guutuu Oromiyaa keessatti
ittin geggeeffame jedhame, biyya alaa irraa
fudhatuudha. Doolaara 900’n maaltu akka
hojjatamuu malu isinumti tilmaamaa! Jarreen
kanniin fannisuu fi qabsoo Oromoo gaafii haqaa
irratti hundaaye karaa balleessuu waan
barbaadaniif qofa Baqqalaa fi Jawaariinis
miseensota ABO godhanii gadi kaayan. OMN’s
miidiyaa ABO’ti, akka himannaa yakkaa abbaan
alangaa biyyattii Baqqalaa faa irratti banetti.
Ammas, OMN irratti mul’achuu fi Facebook’n
chat gochuun shororkeesuummaa ta’eera.
Bilbilaan firaa fi Oromoota biyya alaa jiraatan
dubbisuu fi waa’ee biyyi keessa jirtu irraa
odeessuunis akkasuma.


No comments:

Post a Comment