Sunday 1 May 2016

Hiree Baqattoota Oromoo

Awaalchalee Dhabnu Qurxummiin nu nyaattee
Boru Bal'ootti Baana Biiftun miila laattee.....

Dargaggoo Oromoo, kanniin saba biraas
akkasuma, lafa abdiin hin jirre turaa jechuun
rakkisaadha. Yoo kumaatamaan Saharaa,
galaana Mediteraaniyaanii fi garba Diimatti
dhumanis osoo argan cal’isuun, hara’a boru
haalli kuni fooyya’a jedhaa obsuunis
ulfaataadha. Lubbuun cirracha Saharaa
keessatti awwalamtee fi isiin galaana keessatti
afaan qurxumii buute waan biraa mitii
awwaalchas hin argattu. Dhaloota kana bifa
kanaan dhabuun guutuu dhala namaa waan
yaachisuu qabuudha. Keessumattuu hubaatii fi
gaddi dhumaatiin dhaloota kanaa, qaroo isaa
dhabuun, Oromoo irraan gayu hedduu guddaa fi
ulfaataadha. Jiruun Oromoo bara-mara, baatii-
mara, gadda ta’uun nama gaddisiisa.
Kan hedduu nama yaachisu hanga rakkoon
Oromoo, inni siyaasaa fi diinagdee fala argatutti
rakkoon biyya keessatti ajjeefamuu fi
qurxummiin nyaatamuu kuni kan itti fufu ta’uu
isaati. Bakka biyyoota ollaa keessatti abdii wanti
jedhamu tokko hin jirretti hangamuu hamaa ta’u
dargaggoonni imala gammoojjii fi galaanaa
irratti bobba’uu irraa uf duuba kan debi’an hin
fakkaatu. Kan rakkate billaa qabata!
Falli maal ta’utu irra jira? Fala ariifachiisaa fi
quubsaa argachuun nama rakkisa. Rakkoo kana
bu’uuraa furuudhaaf rakkisaa ta’us wanti
hojjatamuu qaban ammas heddutu jiru. Innis,
haalli baqattoonni Oromoo biyyoota Afrikaa
addaddaa keessatti itti simatamanii fi gargaarsi
isaan UNHCR irraa argatan akka fooyya’uuf
cimanii irratti hojjachuudha: keessumattu
hawasni Oromoo biyyoota addaddaa keessa
jiran. Haalli biyyoota ollaa keessatti baqattoota
keenna mudatu gadhee ta’uu isaa ifatti
beekamaadha; hedduun keenya keessa
dabarreerra. Woggoottan muraasaa asi
ajjeechaan mootummaan Itoophiyaa Oromoo irra
geessisu ni hammaate, haalli Oromoon akka
baqatuuf dirqisiisu ni baay’ate. Kuni hundi yeroo
ta’utti ilaachi biyyoonni ollaa baqattoota
Oromoof qaban hin geeddaramne. Kan nama
gaddisiisu, ammas ummanni keenna UNHCR fi
qaamota baqattootaaf dhaabanna jedhan irraa
xiyyeeffannaa gayaa hin arganne. Kuni fooyya’uu
qaba. Kan fooyya’us sochii fi qabsoo nuti
Oromoon gamtaadhaan sadarkaa idil-
addunyaatti goonuun qofa.
Baqattoonni keenna biyyoota ollaa hunda
keessatti kabajaa fi gargaarsa isaan barbaachisu
(barnoota, nyaata, iddoo quphannaa fi hiree
hojii) argachuu qaban. Umrii guutuus baqataa
ta’anii jiraachuun hin danda’amu: furmaata
waarees isaan barbaachisa. Biyyoonni ollaa
baqattoota hedduuf furmaata waaree laatuu hin
danda’an. Ta’us biyyonni ollaa, biyyoonni
gara Dhihaa, UNHCR fi dhaabbileen baqqattotaaf
dhaabbatan gargaarsaa fi xiyyeeffannaa gayaa
dhimma Oromoof yoo laatan rakkoon baqattoota
Oormoo hanga tokkos ta’u fala argachuu fi abdii
kutannaan galaanatti utaaluun hir’achuu ni mala.
Kana dhugoomsuudhaaf akka Oromootti waan
heddutu nurraa eegama. Mirga baqattoota
keennaaf dubbachuun, rakkoon isaanii akka
addunyaa irratti ifee mul’atuuf hojjachuun
dirqama Oromoo biyyoota addunyaa keessa
faca’ee jiraatu hundaati. Abbaan iyyatu ollaan
namaaf biramta! Cal jennee teenna, reeffuma
gammoojji fi galaanni nyaatu laakkofna taanaan
rakkoo guddaadha. Mirga baqattoota Oromoof
haa dubbannuu. 

No comments:

Post a Comment